Hiikkan Makmaaksa kunnenii maali?

  • Leenca humnaan roorrisu, qamaleen malaan ajjeefte.
  • Lukkuun biyya hin qabdu, bakka bultu hin dhabdu.
  • Maraattuufi sooressi akka argetti haasawa.
  • Mucaan ” nyaanyaa” jedhe osoo hin nyaatiin hin hafu.
  • Of-jajjuun loon lamaa, tikseen kuma lama.
  • “Osoo wajjiin gallee hoolaa, walii qallee” jette jeedalli sareen.
  • Ari’ii biyyaa baasii qabii itti hasaasi.
  • Bareedina gurraachaafi dubbii gamnaa nama bira gaheetu hubata.
  • Abjuun bara beelaa buddeen, buddeen jetti.

Fuula/ Page Siif siin like fi share gochuu hin dagatina!

Galatooma!

Firriisaa Shuuramuu

FIRRISAA SHURAMUU
– Seenaa gabaabaa FirrisaaShuramuu(Abbaa Moggaa)
– Siidaan Firrisaa Abbaa Waggaa kun kan goota Oromoo
Fitawuraarii Firrisaa Shuuramuu yemmuu ta’u isaanis Abbaa
isaanii Fitawuraarii Shuuramuu Gootaa fi haadha isaanii
Aadde Warqituu Abbaa Booraa Abbaa Duulaa irraa Godina
Buunnoo Beddellee Aanaa Beddellee ganda qonnaan bulaa
Digajaa keessatti naannoo bara 1876 A.L.H tti dhalatan.
Buunnoo Beddellee gita bittaa isaa jalatti kuffifachuuf sirni
nafxanyaa Minilikiin hogganamu yaalii guddaa taasisee ture.
Keessumaa immoo Minilik mucaa akakayyu isaa Iyyaasuu
jedhamu gara Fitawuraarii Shuuramuu Gootaa (Abbaa Fit.
Firrisaa) tti erguun Iyyaasuu fi Firrisaan waliin adamoo
adeemuun hariiro gaarii umuuf yaalani turan.
Bara 1906 Minilik xalayaa baresse abba diinni biyya keenya
weerarteti waan taheef marii waliin qabna gara finfinne kottaa
jedheen. Bara 1906 tti waamicha gootota Oromoof
godhameen Buunnoo irraa Fitawuraarii Shuuramuu Gootaa,
Fitawuraarii Firrisaa Shuuramuu fi Qanyazmaach
Waayyeessaa Gootaa Finfinneetti waamaman.
Garuu dubbin Minilik shira ture. Jarris achumatti hidhaman.
Turtii muraasa boodas Fitawuraarii Shuuramuu Gootaa mana
hidhaa keessatti dhukkuba Golfaan qabamanii achumatti
waan boqotaniif Finfinneetti awwalaman.
Ijoo Seena
Du’aan boqochuu abbaa isaatiin gaddi guddaan kan itti
dhaga’ame Fit/ Firrisaa Finfinnee irraa badanii gara biyyaatti
yeroo deebi’anu qabsoo gita bittaa nafxanyaarratti cimsuu fi
biyyi isaanii nafxanyaan akka hin qabamneef kakaasuuf ture.
Kanaanis milka’anii turan. Keessumaa immoo Lafti Oromoo
qircamee bulchiinsa isaatiin akka geggeeffamuuf
Hayilesillaaseen namticha Axinaaf Saggad jedhamu bara
1926tti muudee Buunnoo akka bulchuuf yeroo ergu, Fit/
Firrisaan dhaga’ee waraana isaa qabachuun laga
Dhidheessarratti waraana itti bane Axinaaf Saggadiin
buunnorra deebise.
Axinaaf Saggad waggaa 2ffaa isaatti deebi’ee yeroo dhufu
garee waraanaa baayifatee dhufuun lafa Dhidheessaa erga
qabatee booda oromoo Buunnoo jiranitti kottaa na simadhaa
jedhee ergaa erge.
Toofta fayadamuun Oromoo gartuu lamatti qooduun Buunnoo
kan gale Axinaaf Saggad yeroo inni dhufus Baraanbaraas
Raagoo Jiilchaa garee isaa qabatee yeroo dhaqqee simatu
Fitawuraarii Firrisaa Shuuramuu (Abbaa Waggaa) garuu didee
hafe.
Kana boodas Axinaaf Saggad haala Fit/ Firrisaa Shuuramuu fi
duuka buutota isaa Buunnoo sodachuun akka jaarsummaan
araaramutti fakkeessee Fit/ Firrisaa miidhuuf karoorfate.
Kiyyoo isaa kan diriirseef Baraanbaras Raagoo Jiilchaa yoo
ta’u innis lamaan keessan walittiin isin araarsa jechuun
jaarsummaa dhugaa hin qabneef socho’uu eegale.
Fit/Firrisaa araara jaarsummaa kana fudhatus shakkii waan
qabuuf yoon bakka araaraa kanatti ajjeeffameef gumaa koo
akka itti naaf baastaniif Bar. Raagoo Jiilchaa naaf qabaati
Mangashaa Wayyeessaatti naaf kennaa jechuu isaatiin
Fulbaana 26 bara 1929 Bar. Raagoon qabamanii dhiyaachuun
harka Mangashaa Wayyeessaatti dabarfamanii kennaman.
�Fulbaana 29 bara 1929 Fit/ Firrisaa Qany/ Wayyeessaa
waraana isaanii, nyaata fi dhugaatii barbaachisu hunda
qabachuun bakka araaraa (yeroo ammaa naannoo
Bataskaana Madiyanalem Beddellee) yoo gahan Axinaaf
Saggad teessoo simannaa bakka sadiitti qooduun shira
xaxuun gara galee loltuu Fit/ Firrisaa bira deemuun amma
araara raawwannutti meeshaa keessaan bakka biro
kaawwadhaa booda fudhattu jechuun harkaa fuusise.
Nyaataa fi dhugaatii dhiyaateen boodas Axinaaf Saggad gara
Qany/ Wayyeessaa Gootaa adeemuun Fit. Firrisaa waliin walii
galuu waan hin dandeenyeef nan ajjeesaa ati gadi bahi yoo
jedhuun Qany. Wayyeessaa garu “lakkii ani isa du’aaf kennee
ofiis hin jiraadhu, Buunnoonis natti kolfaa, du’a taanaan
walumaan duuna; garuu du’a kana dhiiratu nu ajjeeses hin
jedhu jedheen”.
�Waamichi araaraa ajjeechaaf ta’e kanaan Axinaaf Saggad
erga Fit/ Firrisaa fi Qany. Wayyeessaa walirratti ajjeeseen
booda garee loltuu meeshaan isaanii harkaa fuudhame
namoota 22 bakkuma tokkotti daaraa taasise.
Mangashaa Wayyeessaas dhukaasa ajjechaa gootota Oromoo
irratti raawwatamaa jiru akkuma hubateen Baraanbaraas
raagoo ajjeesuun yeroosuma gumaa isaanii baase. Axnaaf
Saggad reeffa Fit. Firrisaa fi Qany. Wayyeessaa lafarra
harkisuun “OROMOO KANA ILAALII JIILI“ jedhee labse.
Sanaan boodas reeffa isaanii shaakala ilaamaa qawweef akka
ta’uuf muka naannoo kuusa boba’aa Oilibiya magaalaa
Beddellee keessaa (Naannoo siidaan Firrisaa Abbaa Waggaa)
itti argamutti fannisuun nafxanyootni Oromoo Buunnoo ittiin
dorsisaa turan.
Walumaa gala hiikti Siidaan Firrisaa Shuuramu ( Firrisaa
Abbaa Waggaa) uummata Buunnoof qabu sirna bittaa
nafxanyaa diduun uummatni Oromoo diimokraasummaa isaa
eeggate ofiin of bulchuu qaba jechuun mormaa kan ture
gootummaa Oromoo kan ibsu dha.
#

Jaalala isa dhugaa

Jaalala isa dhugaa
Jaalala isa sirrii
Kan bultii egeree
Mana isa borii
Jireenya gammachuu
Isa jaalalaan guutuu
Isaa qabaachuuf dhabuu
Isa hundumaa simatu
Isa hin qabne gaabbii
Isa bu’uura jabaa
Isa bareedee argamu
Isa maatiif utubaa
Kan hamma dhumaatti
Jaalalli Mo’ee jiraatu
Daa’imaa gammadee
Jaalalaan guddatu
Gufuu utuu qabuu
Jaalalaa jiraatu
Utuma dhoramuu
Isa firii laatu
Garaa wal argatee
Walitti maxxane
Isa haala ilaalee
Gonkumaa hin naane
Bu’uurri jaalala ammaa
Yeroo itti baran
Callisanii hin jaallatani
Yeroo karaa darban
Wal beektee wal hubattee
Yoo seente jaalala
Kan milkaayina qabu
Isatu hunda caala

ABO_n isaan kana!

ABO_n isaan kana!
•••••••••••••••••••••••••
Isa bara chaarteraa
Raqa tuffatee bahe…
Isa saba oromoof
Gaachana dhugaa tahe.!
Isa qeerroon dhalako
Jedhee ittiin dhaadate..
Isa Gullalleerratti
Wajjirasaa banate.!
Isa Abiisheen dhalchee
Waaqoon Guutuu_handhuure…
Isa gabrummaa jibbee
Fuulli isaa shuntuure.!
Isa taankiin dadhabee
Summiin_itti wal fure…
Isa bara dukkanaa
Booqa birraa nuuf ture.!
IUOf!
By Naol Kumsa

Irbuu irbamee

# IRBUU_IRBAMEE
Sitti kudhaamadhe
Kudhaama jaalalaa
Osoon si sassadhu
Ganamaaf galgala
Sin utuun kunuunsu
Akka mucaa dhaba
Ija koon osoon si tiksu
Kufaa keetiif caba
Gantee na hidditee
Ana tokkicha kee
Akkas na gochu kee
Ani yoomaan beeke
Maaliif akkas taate
Eega jaalallee koo
Mee malumatuu bade
Maaltuu ta’e rakkoo?
Irbuudhaaf waadaa koo
Fuute galaanatti naqte
Dhugaa jaalalaa koo
Didde irra tarkaanfatte
Ana tokkicha kee
Dukkanaf na laatte
Tokkitti kudhaama koo
Maalumaaf sokitee?
Eega erga deemte
Humnan ofitti si hanbisuu
Adeemii milkaa’i
Rabbi si haa milkeessu
Yoo si dhiiftii ta’eef
Cubbuun jaalalaa koo
Gammadii jiraadhu
Tasa hin argiin rakkoo
Page kana like follow and share godha

Irbuu irbamee

# IRBUU_IRBAMEE
Sitti kudhaamadhe
Kudhaama jaalalaa
Osoon si sassadhu
Ganamaaf galgala
Sin utuun kunuunsu
Akka mucaa dhaba
Ija koon osoon si tiksu
Kufaa keetiif caba
Gantee na hidditee
Ana tokkicha kee
Akkas na gochu kee
Ani yoomaan beeke
Maaliif akkas taate
Eega jaalallee koo
Mee malumatuu bade
Maaltuu ta’e rakkoo?
Irbuudhaaf waadaa koo
Fuute galaanatti naqte
Dhugaa jaalalaa koo
Didde irra tarkaanfatte
Ana tokkicha kee
Dukkanaf na laatte
Tokkitti kudhaama koo
Maalumaaf sokitee?
Eega erga deemte
Humnan ofitti si hanbisuu
Adeemii milkaa’i
Rabbi si haa milkeessu
Yoo si dhiiftii ta’eef
Cubbuun jaalalaa koo
Gammadii jiraadhu
Tasa hin argiin rakkoo
Page kana like follow and share godha

Sabboonaadha..dha!Silmii Hin Hooksuu.

# Sabboonaa_dha !
# SILMII_HIN_HOOKSU !
_____________________
Haala ilaalee miti
WBO deeggaruun Koo,
Deeggaruu irra darbee
Mararfadhee tikfachuun Koo!
Fixuu dhabus seenaan beeka,
seenaa qabsoo, seenaa morkaa!
Eenyuree abbaan qabsoo
WBO koo yoo hin taane?!
Eenyu gootni gaafa morkaa
Leencicha yoo hin taane?!
Dhiira diina ajjeesu
Kan reeffashee allaattiif dhiisu!
Dhaqaaf gala eegee
Inni yartuu mankaraarsu?!
Kan biraan eenyuree
Natti himuu dandeessuu?
WBO qofa qalbeeffadhaa,
Akka agartuu ijaatti eeggadhaa.
Injifannoo isaatti gammadaa
Miidhama isaas kulkulfadhaa!
Beela isaa beela’aa
Dheebuu isaa dheebodhaa
WBO wabii sabaa,
Jajjabdittii Shimaleekoo,
Sittan cicha hanga dhumaa
Yoomuu Suma filannoon Koo!
Seenaan beeka koode kiyya
Kanaafan siif iyya!
Ati meeshaa miti
Gabaatti si hin baasu
Diinatti daldalee
Ofiikoo hin xiqqeessu
Biyya Koo ishee baldhoo
Qullaatti hin hambisu.
Lammii koo isa harka qullaa
Dhangaa alagaa hin taasisu
Akka amajaajii, akka albaadhessaa
Shiraaf itti hin lo’u, ittis hin qaxxisu.
Jiruun toltes toluu dhiistes
WBO irraa hin dheessu!
Duuniyaa barbaacha
Mucha jedhee silmii hin hooksu!
# Maal_ha_baasuuf_dhama_raasu ?

DUUNEE. AWWAALA DHABNEE.
BADNEE BARBAACHA
DHABNE.
MAAL? NUUF WAYYAA?
YAA IJOOLLEE?
AKKAM GOONUU?
MAAL? FALANNUU?
RAKKOON RAKKOO DHALEE
BARA DHUFAA DARBAA
DABAREE WAL FURAA
TA’EE JIRUUN KEENYAA
GARAATTII GUMGUMUU
DAWAA DHIBEE KEENYAA
ISA NU DARARUU
EENYULLEE NUUN ARGUU
WAAN GARAA NU JIRUU
ONNEE NU TIRTIRUU
HIDDAA QAAMAA KEESSA
OL GAD QAXXAAMURUU.
MADAA KEESSA KEENYAA.
NU MALEE NUUF DAWAAN.
DHIBEE NU QABATTEEF
MALA DHAWUUF MALUU.
MEE DHIISAA OBBOLEE
HARKA ORMAA LAALLUU
DAWAA WALIIF TAANAA
WALIIN KAN MIDHAGNUU!
WAL MALEE BAREEDNUU
MAALOO YAA DHIIGA KO
MEE WALII HAA NAANUU
DHIBAMUUN NU GA’AA
FALA HAA BARBAADNUU
HIDHII WALIIF XUUXUUN. WAA BAASUU HAA BEEKNUU.
WALIIF HAA DHAQABNUU
WALIIF JIRRA TA’UU
JAALALA QABAACHUU
WALIIF AKKA YAADNUU
HOJIIN HAA MULLISNUU.
DHIBEE FIRA FIXUU
DAWAA ITTI GOONEE
QABNA BAR BALLEESSUU
MEE HAA GAGGAAFANNUU
DAWAA DAWAA JECHAA HUNDUU BAKKA JIRRUU
TASA GAD MAA TEENYAA
KOLEERAA NU FIXUUF
DHIBEE NU DARARUU
FALA HAA BARBAANNUU.
GONKUMAA CALLISUUN USUUN NURRAA TOLU.

OBSII YAA GARAAKOOL.

Obsii yaa garaa ko
Obsii hadhooftullee
Jabaadhuu jabaadhuu
Guyyaan numa dhufaa
Arraa gidiramtu.
Rakkoon ke ammaatee
Dararaan baayyatuu
Bor guyyaan ni dhufa.
Mudannoon ke arraa
Daandiin ke hundinuu qoreendhaan guutamtuu
Yeroon dhufuu nooluu
Obsii yaa garaa koo
Amma yeroon ke sun
Abdiif hawwiin arraa
Abjuun abju’attee
Abjuu taatee naftuu)
Guyyaan numa dhufa
Roorroon arra jiruu
Bara dhufuu sana
Seenaa darbee ta’ee
Qorumsa kaleessaa
Mudannoo jireenyaa
Darbee yeeroo sana jedhe dubatamuu
Dubbiin kiyya arraa
Jiruun hamtuu taatee
Halkan ciisuu dhabuu
Guyyaa kolfuu dhabuu
Obsii yaa onnee ko
Kan obsee hin gaabbuu)
yaade hin ankaakuu
Obsuun furtuu barii
Danda’ii liqimsii
Waan garaa ke jirtuu
Kan onnee si gubaa
Halkan sammuu miituu
Gvyyaa gammachuu ke
Yaadnii liqimsituu
Yaaddoon si darartuu
Obsii uumaa mitii
Yeroof gidiramta
Dararaan ke arraa
Bar dhuma hin ooltuu)
Wanti arra dhabdee
Arka osoo qabduu
Bor yeroon ni dhufa
Ke dhabde hin aftuu
Hintaatu kadhattuu.

Duunee

DUUNEE. AWWAALA DHABNEE.
BADNEE BARBAACHA
DHABNE.
MAAL? NUUF WAYYAA?
YAA IJOOLLEE?
AKKAM GOONUU?
MAAL? FALANNUU?
RAKKOON RAKKOO DHALEE
BARA DHUFAA DARBAA
DABAREE WAL FURAA
TA’EE JIRUUN KEENYAA
GARAATTII GUMGUMUU
DAWAA DHIBEE KEENYAA
ISA NU DARARUU
EENYULLEE NUUN ARGUU
WAAN GARAA NU JIRUU
ONNEE NU TIRTIRUU
HIDDAA QAAMAA KEESSA
OL GAD QAXXAAMURUU.
MADAA KEESSA KEENYAA.
NU MALEE NUUF DAWAAN.
DHIBEE NU QABATTEEF
MALA DHAWUUF MALUU.
MEE DHIISAA OBBOLEE
HARKA ORMAA LAALLUU
DAWAA WALIIF TAANAA
WALIIN KAN MIDHAGNUU!
WAL MALEE BAREEDNUU
MAALOO YAA DHIIGA KO
MEE WALII HAA NAANUU
DHIBAMUUN NU GA’AA
FALA HAA BARBAADNUU
HIDHII WALIIF XUUXUUN. WAA BAASUU HAA BEEKNUU.
WALIIF HAA DHAQABNUU
WALIIF JIRRA TA’UU
JAALALA QABAACHUU
WALIIF AKKA YAADNUU
HOJIIN HAA MULLISNUU.
DHIBEE FIRA FIXUU
DAWAA ITTI GOONEE
QABNA BAR BALLEESSUU
MEE HAA GAGGAAFANNUU
DAWAA DAWAA JECHAA HUNDUU BAKKA JIRRUU
TASA GAD MAA TEENYAA
KOLEERAA NU FIXUUF
DHIBEE NU DARARUU
FALA HAA BARBAANNUU.
GONKUMAA CALLISUUN USUUN NURRAA TOLU.

Ilaa dhagahaame

Ilaa Dhagahaame
Waan Antaajjabe
Foddaaf Sagaleedhan
Qalbiinko Nacabe
Oduun Dhagaheeto
Gochaan Tasadhabe

Guddanne Guddanne
Gulantaan Olkaane
Misoomne Dharraane
Humaa Tasadhabne
Waltajjiin Daara Baane
Qoonqoon Beela Dhiifne
ODUU JARAA QUUFNE

Beekaan Manaa Ba’e
Manni Hidhaa Ta’e
Innikaan Nidu’e
Kanhafes Godaane
Mirgalle Gaafanne
Hinquufan Jedhamne
Jarri Jedhan Male
Humaalle Hin Arganne
Dabareen Nassiibeeka
Amma Hinjijjiiramne

Shakkii hin amaniin.

Shakkii hin amaniin
Si waliin kan jiru
Yeroo hunda seeqee
Kolfa mormaa oliin
Tasa hin dhabamuu
Dhiphuun ke kiyyuma
Gidiraan si dhortuu
Rakkinni ke hundii
Naaf boqonnaa laatu
Jechaan si daldaalaa
Arraba minyaawaan
Icitii ke guuruuf
Jira kan siif kolfuu
Achii sirra hiiqee kan madaake horfuu.
Siif kan fedhuu kufuu
Gammachuun ke gadda
Argachuun ke dhaba
Jiruuf jireenyii ke
Wantii yaaddu marti
Milka’uu haa afuuf
Kan siif amaa yaaduu
Shakki fagoo mitii
Maaf moggaa kan laaltu
Albee kan siif qaruu
Suma faana jira
Iryaan sitti maluu

Shan.

SHAN
•••••••
Dhukkuba qorraa taatee
Kaadiree hollachiifta….
Oraalii jijim gootee
Garaa nu boqochiifta.!
Ani siinan kabaja
Waaqa guddaatti ansee…
Gadhee maqaa si yakka
Facebuukiirraa wal_gaansee.!
Akka maqaakee jirta
To’attee qaama miiraa…..
Umurii nuuf dheeradhu
Shanee shantama dhiiraa.!
Gantuu maqaake dhooftu
Imimmaanidha dhiigdi…
Lakkoofsa afur waamtee
Shanaffaaratti immoo
Alba’uuf gadi fiigdi!

Yoomii laata

YOOMII YOOMIIN? JEDHA
Yoomii yoomii laata
Yoomuma ta’iinnaa
Kan ijaan wal garruu wal irraa fagaachuun
Addaan ba’uun afee
Dharraa’a jiraachuun
Yoomii yaa obolee
Kan nut wal qunnamnuu
Qe’ee abbaa keenyaat
Sodaa tokko malee
Kan waliin jiraannuu
Yoomuma yoomuma
Yaa oboleessa ko
Kan nut wal arginuu

Safuu bara kanaaf.. Milkii iluutiin

Safuu bara kanaaf,
Safuu bara kanaaf
Bara dhartii mootee
Dhugaan ukkaamamtuu
Arreen gaafa baafte
Kan hin ta’iin taate
Raajii hin mullannee
Bara namnii himu.
Boftii lukaan deema.
Jedhu Waan hin jirree
Sobaan lafa ciruu
Galgalaa ganama waan dhara ololuu.
Safuu safuu yaa waaq
Gonkuma dhabamee
Siif sodaa kan buluu.
Dhugaa argaa jiruus
Kan barana safuu
Namnoo tasa ni muu
Sobuma afarsaa
Firaa maal haa goonuu.
Obsuu keenya wayyaa
Boqquu cabnee nafnuu
Dhugaan ni mullattii
Abdii haa orannuu
Lammii keessa nafnuu
Qomoon wal hin dhabnuu.
Waan fedhan haa jedhan
Shiiraan nuttii godhan
Tasa galma geessuu
Waliif dhiignii numa
Fayyaa of dhiphisuu.
Nutii tokko yoomuu
Akkuma kaleessaa
Arras ta’ee boruu
Waliin kan bareednu
akka yaada jaraa
Jibbaan adda baanuu
Gonkumaa gonkumaa
Wal irraa fagaannuu
Waan fedhe taatullee
Anga libsuu ijaaf
Gargar tasa yaanuu.
Imaanaa dhalootaa
Gargar baanee nyaannuu
Safuu waaqaf lafaa
Seeraaf heeraa uumaa
Tasa hin cabsinuu
Waliigaltee dhabnee
Jibbaan adda baanuu
Tasa hin facaanuu.

Design a site like this with WordPress.com
Get started