OBSII YAA GARAAKOOL.

Obsii yaa garaa ko
Obsii hadhooftullee
Jabaadhuu jabaadhuu
Guyyaan numa dhufaa
Arraa gidiramtu.
Rakkoon ke ammaatee
Dararaan baayyatuu
Bor guyyaan ni dhufa.
Mudannoon ke arraa
Daandiin ke hundinuu qoreendhaan guutamtuu
Yeroon dhufuu nooluu
Obsii yaa garaa koo
Amma yeroon ke sun
Abdiif hawwiin arraa
Abjuun abju’attee
Abjuu taatee naftuu)
Guyyaan numa dhufa
Roorroon arra jiruu
Bara dhufuu sana
Seenaa darbee ta’ee
Qorumsa kaleessaa
Mudannoo jireenyaa
Darbee yeeroo sana jedhe dubatamuu
Dubbiin kiyya arraa
Jiruun hamtuu taatee
Halkan ciisuu dhabuu
Guyyaa kolfuu dhabuu
Obsii yaa onnee ko
Kan obsee hin gaabbuu)
yaade hin ankaakuu
Obsuun furtuu barii
Danda’ii liqimsii
Waan garaa ke jirtuu
Kan onnee si gubaa
Halkan sammuu miituu
Gvyyaa gammachuu ke
Yaadnii liqimsituu
Yaaddoon si darartuu
Obsii uumaa mitii
Yeroof gidiramta
Dararaan ke arraa
Bar dhuma hin ooltuu)
Wanti arra dhabdee
Arka osoo qabduu
Bor yeroon ni dhufa
Ke dhabde hin aftuu
Hintaatu kadhattuu.

Published by https://jirraaonline.wordpress.com

Maalif garuu?

Design a site like this with WordPress.com
Get started