Sabboonaadha..dha!Silmii Hin Hooksuu.

# Sabboonaa_dha !
# SILMII_HIN_HOOKSU !
_____________________
Haala ilaalee miti
WBO deeggaruun Koo,
Deeggaruu irra darbee
Mararfadhee tikfachuun Koo!
Fixuu dhabus seenaan beeka,
seenaa qabsoo, seenaa morkaa!
Eenyuree abbaan qabsoo
WBO koo yoo hin taane?!
Eenyu gootni gaafa morkaa
Leencicha yoo hin taane?!
Dhiira diina ajjeesu
Kan reeffashee allaattiif dhiisu!
Dhaqaaf gala eegee
Inni yartuu mankaraarsu?!
Kan biraan eenyuree
Natti himuu dandeessuu?
WBO qofa qalbeeffadhaa,
Akka agartuu ijaatti eeggadhaa.
Injifannoo isaatti gammadaa
Miidhama isaas kulkulfadhaa!
Beela isaa beela’aa
Dheebuu isaa dheebodhaa
WBO wabii sabaa,
Jajjabdittii Shimaleekoo,
Sittan cicha hanga dhumaa
Yoomuu Suma filannoon Koo!
Seenaan beeka koode kiyya
Kanaafan siif iyya!
Ati meeshaa miti
Gabaatti si hin baasu
Diinatti daldalee
Ofiikoo hin xiqqeessu
Biyya Koo ishee baldhoo
Qullaatti hin hambisu.
Lammii koo isa harka qullaa
Dhangaa alagaa hin taasisu
Akka amajaajii, akka albaadhessaa
Shiraaf itti hin lo’u, ittis hin qaxxisu.
Jiruun toltes toluu dhiistes
WBO irraa hin dheessu!
Duuniyaa barbaacha
Mucha jedhee silmii hin hooksu!
# Maal_ha_baasuuf_dhama_raasu ?

Published by https://jirraaonline.wordpress.com

Maalif garuu?

Design a site like this with WordPress.com
Get started