Burtukaan Lammii Dhiigni Ambootti Jige,

Burtukaan Lammii
Dhiigni Ambootti Jige,
Kan barattoota carii
Itoophiyummaa miti,
Kaayyoon Magarsaa Barii!
Waadaan Taaddee Birruu,
Leencichi gaara raase
Irbuu jaallewwaniitu,
Onnachiisee kaasee!
Lafeen Jaagamaa,
Dhiigni isaa lola’e
Oromummaa ibsuuf,
Akka dungoo boba’e!
Hin sharaftu gadheen,
Gantuun haadha garaa
Gatiin wareegamaa,
Walabummaadha baraa!
IUOf!
August

Published by https://jirraaonline.wordpress.com

Maalif garuu?

Design a site like this with WordPress.com
Get started